Hojii Misooma Koriidaraa Bulchinsaatti Hojjetamaa Jiran Magaalattii Miidhagsuufi Hawwaattuu Taasisuun Bira Dabree Dargaggoota Hedduuf Carraa Hojii Bal’aa’ Kan Uume Ta’uun Insame.
Bulchinsa Dirree Dhawaatti Hojiin Misooma Koriidaraa Marasaa 2ffaa Aanaalee 9n Keessatti haala ariifachiisaan hojjetamaa kan jiru yommuu ta’u, dargaggoota hedduudhaaf carraa hojii kan uume ta’uun ibsame. Aanaa 04fi 05 keessatti hojiilee Misooma Koriidaraa hojjetamaa jiran ilaalchisuun Jiraattonni aanichaa yaada kennaniin hojiin Misooma Koriidaraa magaalaa qulqulleessuufi bareechuun alattis dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu ibsaniiti jiran….


