Kaabineen Bulchinsa Dirree Dhawaa Walgahii Idilee Har’a Taa’een Murteewwan Dabarsan.
Walgahii idilee har’a waaree booda taa’een Kaabineen Bulchinsa Dirree Dhawaa mootummaan jireenya Hojjettoota mootummaa fooyyessuuf daballii mindaa taasiseefi dhimmoota lafaafi lafaan walqabatanirratti mari’achuun murteewwan dabarseeti jira. Haaluma kanaanis Kaabineen bulchinsaa akkaataa daballii mindaa hojjettoota mootummaa mootummaan kaa’een Ji’a Fuulbaanaa bara 2018 irraa jalqabee kanfaltiin akka raawwatamuuf mari’achuudhaan murtee dabarseeti jira. Daballii mindaafi Dirgoo hojjetaa mootummaa…


