Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Marsaa 7ffaa Biyyaalessaa fi Naannolee irratti Qaadhimamtoota Paarticha Bakka bu’uun Araddoota Aanaa (Kilaastara) Biyyoo Awaalee Bakka bu’uun dorgoman sagaantaa ifoomsuu Gaggeessaa.
Mata-duree Itoophiyaan gara Biyya fakkeenyaatti jedhuun bara kana 2018 kan gaggeefamu Filannoo Marsaa 7ffaa Biyyaalessaa fi Naannolee irratti Qaadhimamtoota Paartii Badhaadhinaa Bakka bu’uun Qaadhimamtoota dorgoman waltajjii ifoomsuu Gaggeesseera. Sagaantaa Kana irratti haasaa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Akka jedhanitti Paartiin keenya Paartiin Badhaadhinaa Waggoota bara Jijjiiramaa darban keessatti…


