Dirree Dhawaatti Ayyaanni Masqalaa Kabajamoo Jira.
Ayyaanni Masqalaa Bara 2018 Magaalaa Dirree Dhawaa Addababa’ii Lagaharitti Bakka abbootiin amantichaa heedduun argamanitti taa’insoota garagaraan kabajamaati jira. Hordoftoonni amantichaa uffataafi faayawwan aadaa garagaraa godhachuun ayyaanicha kan kabajachaa jiran yommuu ta’u, shubboo qabsiisuufi faaruuwwan garagaraa faarfachuun ayyaanichaa waliin kabajachaati jiru. Ayyaanni Masqalaa duudhaa amantaa bira dabree obbolummaafi waloominni akkasumas obbolummaafi jaalalaan waliin jireenyi kan Itti…


