Dirree Dhawaatti Giddugalli Tajaajila Tokkichaa Dirree Masoob Haala Miidhagaan Eebbifamaati Jira.
Sagantaa Eebba Giddugalichaarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Kabajamtuu Afayaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Kariimaa Alii Ministeerri Tajaajila Komunikeeshinii Itoophiyaa Kabajamtuu Aadde Innaatalem Eebba Mallas Dabalatee aanga’oonnifi miseensonni Kaabinee bulchinsaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin Biyyaatiif abbootiin gadaafi, ugaazonni, hojjettoonni mootummaa, fi keessummoonni hedduun argamaniiti jiran Bal’ina Oduu kanaa…


