Ayyaanni Bara Haarayaa Baranaa Yeroo Hidhi Haaromsaa guddicha Laga Abbayyaa xumuramee Eebbifamu kabajamuun adda isa taasisaa jedhan Ajajaa olaanaan Qajeelcha waliigalaa poolisii Dirree Dhawaa Komishiinar Alamuu Magraa
Komishinar Alamuu Magraa Ayyaanaa Bara Haarayaa Ilaalchisuudhaan Erga baga ittiin isin gahee dabarsanii jiran. Komishinar Alamuun ergaa isaaniitiin Ayyaanni baranaa Ayyaanota baroota dabranirraa kan adda isa godhu yeroo Hidhi Haaromsaa guddicha Laga Abbayyaa Eebbifamuu sabaa fi sablamoonni biyyattii hundi bu’aa ifaajee isaanii itti argatan tahuu dubbatan. Ayyaanni Bara haarayaa nagayaan akka kabajamuuf ajaji qajeelcha waliigalaa…


