Miseensonni mana marii bakka bu’oota ummataafii mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa kilaastara Qala’aaditti waltajjii marii bakka bu’ummaa hawaasaa Adeemsisan.
Waltajjii marii hawaasaa waliin taasifame kanarratti kan argaman Miseensi Mana Marii bakka bu’oota ummataafi bakka buutuun bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Biiftuu Mahammad haasawa taasisaaniin, Manni Marii waggaatti yeroo Lama hawaasa isa filaatee waliin marii kan taasisu tahuu himanii, marii hawaasa kilaastarichaa wajjiin tasiisaniin gaafiilee fi yaadoota bu’uuraalee misoomaa wajjiin walqabatanii ummata biraa ka’an qindeessuun, sadarka…


