Hojiiwan Misooma Bu’uuraa Dirree Dhawaatti hirmaannaa Hawaasaatiin Hojjataman kutaalee biyyattii Birootiif Fakkeenyummaa qabuu jechuun ibsan.
Jilli Piroofeesar Mahammad Abdootin Duurfamu Bu’uuraalee Misoomaa Bulchiinsatti Hojjataman Daawwatee Jira. Sagantaa Daawwannaa kana irratti walitti qabaan koree Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misooma Magaalaa fi Geejjibaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan tahan Piroofeesar Mahammad Abdoo, Bulchiinsi Dirree Dhawaa qabeenya muraasa qabutti sirnaan fayyadamuun hojiilee fooyyee qaban kan iddoo biraatiif fakkeenya tahuu danda’an hojjechuu isaanii sagantaa…


