Milkaa’ina Sagantaa “SUNCASA” Itti Aanuuf Muuxannoowwan Gaggaarii Waljijjiiruufi Hanqinoota Jiranirratti Mari’achuun Kan Barbaachisu Ta’uun Ibsame.
Deeggarsa Maallaqaa Mootummaa Kanaadaatiin Magaalota Gammoojjii Sahara Gadiitti Jechuunis Johanisbarg Kigaalii fi Dirree Dhawaatti Gaggeeffamaa kan jiru pirojaktiin “SUNCASA” Ilaachisuun gabaasni raawwii dhihaachuun Gamaaggamamaa jira. Kanaanis raawwii piroojektichaa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiruun hojiileen taatota jijjiirama qilleensaarratti dhiibbaa geessisan ittisaniifi bal’aan lolaa hambisan hojjetamaa jiraachuu cinatti leenjiiwwan ijaarsa dandeettii Kennamuun Ibsame. Piroojektichi lammiilee Kuma 7 ta’aniif…


