Mallattoo Dorgomsiisaa Filannoo Paartii Keenyaa Kan Ta’e Nadoon Qamadii Calaqqee Ida’amuu, Tokkummaa, Gamtaan Hojjechuu, Oomishtummaa, Fakkeenyummaa, Olka’insaafi Birmadummaa Keenyaati!” Miseensotaafi Hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa.
Paartiin Badhaadhinaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Mataduree “Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti” Jedhuun Waltajjii Manifeestoofi Mallattoo Filannoo Waliigala 7ffaa Miseensotasaaf Ifoomsuu gageesse. Miseensonnifi Gaggeessitoonni paartichaa waltajjii Kanarra hirmaatan kanneen dubbisne yaada kennaniin Paartii Badhaadhinaa yaaddama ida’amuutiin hogganamuudhaan akkaataa waadaa seeneen injifannoowwan hedduu galmeessuu jiraachuu ibsaniiti jiran. Mallattoo dorgommii filannoo Paartii Keenyaati kan ta’e nadoon Qamadii Calaqqee Ida’amuu,…


