Gargaaramtummaarraa Gara Oomishtummaatti! Mataduree Jedhuun Sagantaan Eebba Fayyadamtoota Sagantaa Seeftineetii Misoomawaa Magaalaa Dirree Dhawaa
Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Sagantaan Eebba Fayyadamtoota Faaynaansii Dabalataa Pirojektii Sagantaan Seeftineetii Misoomawaa Magaalaa Gaggeeffame. Saganticharratti Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh fayyadamtoonni Sagantaan Seeftineetii Misoomawaa carrara kan fayyadamuudhaan rakkoolee hedduu furuuf ofirra dabruun lammiilee biroof carraa hojii akka uumuu qabdan isinirraa eeggama jedhan. Jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota mul’ataa galmeessuu jiraachuufi jireenyi…


