“Badhaadhinni Paartii Waadaa Gochaan Agarsiiseefi Paartii Bu’aa Qabatamaa Galmeesseedha.” – Obbo Biruk Warqineh Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa
Paartiin Badhaadhinaa “Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti Mataduree” jedhuun Bulchinsa Dirree Dhawaa Aanaa 03tti Sagantaa Bunaa Buna Dhugaatiin Duula na filadhaa gaggeesse. Waltajjicharratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruk Warqineeh Paartiin Badhaadhinaa Waadaa ummataaf seene gochaan agarsiisuudhaan bu’qabeessummaasaa kan mirkaneesse ta’uu ibsan. Waggoottan jijjiiramaa dabran keessatti qormaatawwan hedduu…


