Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Hojiileen Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiran yeroo gabaabaa keeysatti xumuramuu akka qaban kallattii kaayan.
Jilli Hoggantoota olaanoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar duurfamu Hojiilee Misooma Kooriidaraa Bulchiinsatti hojjatamaa jiru sadarkaa irratti argamu Irra naannawuudhaan daawwatee jira. Hojiin misooma koriidaraa akka biyyaatti adeemsifamaa jiru Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis hojjatamaati jira. Bulchiinsatti hojiin marsa marsaan hojjachuuf kan karoorfame yeroo tahu, marsaan jalqabaa ammoo baasii qarshii Biiliyoona 3’n lafa kiiloo…


