Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Badhaadhina Itoophiyaa Damee Humna Ibsaan Tumsuu Bira Dabree Olka’insa Itoophiyaa Kan Mirkaneessu Ta’uun Ibsame.
Bulchinsa Dirree Dhawaatti Xumuramuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha Ilaalchisuun mataduree” Oomishtummaafi Olka’insa” jedhuun Mariin Paanaalii Ummata Gaggeeffame. Waltajjicharratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar , Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kab.Aadde Fatiyaa Aden, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoggantoonni Olaanoon bulchinsaa , abbootiin amantaa, hojjettoonni…


