Bulchiinsi rakkoolee baadiyyaatti mudatan yeroo dheeraafi gabaabaa keessatti deebii kennuuf qindoominaan akka hojjetu ibsame.
Hagayya 16,2014 Bulchinsa Dirree Dhawaatti filatamtoonni ummataa Kilaastara Waahiil jiraattota Araddaalee saglanii waliin marii taasisan. Guyyaa kanatti Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif kan filataman Kabajamoo Obbo Abduljawaad Mohaammadiifi Afa-yaa’ii Itti Aantuu Mana marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Kariimaa Alii dabalatee Bakka Bu’oonni Mana Marii Bulchinsaa, miseensonni Mana Marii Araddaalee saglanii Kilaastara Waahelitti marii bal’aa gaggeessaniiru….


