Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Hojiilee Misooma Sululaa Qindaawaa Baranaa iin Lafa Heektaara Kuma 460 ol Uwwisuun danda’amuun ibsame.
Hojiilee Misoomaa Sulula Qindaawaa Bara 2016 Gurraandhala 5, 2016 irraa Eeaglee guyyoota 18’f Araddoota Baadiyyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hundatti gaggeeyfamaa ture ilaalchisuun waltajjiin gabaasa goolabbii hojiilee misooma sululaa bara kanaa bakka kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar argamanitti gaggeeyfamee jira. Waltajjicha irratti argamuun haasawa baninsaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo…


