Softiweeriin Ragaa Barsiisotaa Gurmeessuufi Tajaajila Si’ataa Kennuuf Tajaajilu Ifoome.
Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ragaa Barsiisotaa Gurmeessuufi Tajaajila Si’ataa Kennuuf Tajaajilu ” TMIS” jedhamuun beekkemu ifoomseeti jira. Waltajjiicharati kan argaman Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasawa taasisaniin, sirni bulchiinsa odeeffannoo barsiisotaa fooyya’aa ta’e qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru. Obbo Kadiir Juhaar Itti dabaluudhaanis…


