Biiroon Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Daa’imman dhibee irraa eeguuf hojjachaa jiraachuu beeksise.
Duulli dhaadannoo “Daa’imni kamiyyuu osoo hin talaalamne hafuu hin qabu” jedhuun gaggeeffamaa jiru kun, daa’imman dhibee hamaa kana irraa eeguuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsameera. Talaalliin pooliyoo bara darbe ji’a caamsaa fi waxabajjii marsaa lamaafan kan kenname yoo ta’u, talaalliin marsaa sadaffaa bara kanaa fulbaana 30 hanga onkololeessa 3, 2018tti, guyyoota afur walitti aansuun kan gaggeeffamu…


