Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kennaniin, kallattii mana maree nageenyaafi tika Biyyaalessaan ka’ameen, hojiin seera kabachiisuu gaggeeffamaa jiraan bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii garee shororkeessitootarratti fudhateen miseensonni garechaa hedduun barbadeeffamuu fi kanneen bosonaa keessa faca’uun dhokatan hawaasaa waliin ta’uun adamsamaa jiraachuu himaniiru. Ammas…