Birrii Biiliyoona 2,834, 440,000 Bajata Bulchiinsa Dirree Dhawaa ta’uun ragga’eera.
Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 42 ffaa wixinee Bajata Bulchiinsaa kan bara 2012 dhiyaate Birrii Biiliyoona 2 fi Miiliyoona 834 fi kum 440 raggaasisuudhaa fi Adde Kariimaa Alii Hoogantuu Biiroo Dhimma Daa’immanii fi Dubartootaa taasisee muudeera. Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 42 ffaa guyyoottan lamaaf geggesseen Bara bajataa kanatti dhaabilee Raawachiiftota…


