Jiraattonni Araddaa Hulul Mojoo hoggansi keenya gaaffilee misoomaa kanaan dura gaafanne akka nuuf deebisu abdiidhaan eeggachaa jirra jedhan.
Bulchinsa Dirree Dhawaa Kilaastara Waahelitti jiraattoonni Araddaa Hulul Moojoo Gaaffilee misoomaarratti bakka bu’oota isaanii waliin marii gaggeessaa jiru. Bulchinsi Dirree Dhawaa kanaan dura gaaffilee misoomaafi bulchinsa gaarii gaafanne keessaa hedduu isaanii nuuf deebiseera; garuu ammallee kanneen eegalamanii hinxumuraminiifi kaneen hineegalamin jiru; keessattuu daandii Moojoo-Gobayyaa nuuf hojjetameera; garuu karatti hafeera, manni barnootaafi keellaan fayyaa akka nuuf…


